Godinni Shawaa Lixaa Hidha Guddicha Haaromsaa Ityoophiyaaf Birrii miiliyoona 30 walitti qabe

Finfinnee, Onkololeessa 22, 2015 (FBC) – Godinni Shawaa Lixaa Hidha Guddicha Haaromsaa Ityoophiyaaf Birrii miiliyoona 30 walitti qabuu beeksise.

Waancaan Hidha Haaromsaa turtii isaa godinichaa xumuruun magaalaa Amboof kennameera.

Aanaalee fi Godina Shawaa Lixaa akkasumas Abbootii qabeenyaa irraa Birriin miiliyoonni 30 walitti qabamuu Bulchaan Godina Shawaa Lixaa Obbo Didhaa Guddataan ibsaniiru.

Bittaa boondii, arjoomaa fi ergaa gabaabaa 8100 irratti hidha Haaromsaa milkeessuuf tumsi taasifameera jedhan.

Jiraattoonni magaalaa Amboo fi Abbootiin qabeenyaa tumsa eegalan cimsanii akka itti fufan Kantibaan Magaalaa Amboo Obbo Haacaaluu Gammachuun gaafachuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii godina Shawaa Lixaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment