Godinni Jimmaa godina Baaleetti lammiilee hongeen miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 11 ol taasise

Finfinnee, Gurraandhala 7, 2014 (FBC)– Godinni Jimmaa godina Baaleetti lammiilee hongeen miidhamaniif deeggarsa midhaan nyaataa  Birrii miiliyoona 11 fi kuma dhibba 4tti shallagamu taasise.

Deeggarsicha hogganaan Waajjira Sodaa Balaa fi Kaafamtoota Misoomaa godina Jimmaa obbo Salamoon Ejeree magaalaa Roobeetti argamuun dabarsanii laataniiru.

Deeggarsi taasifame qaama barsiifata sirna gaddaa ittiin Uummanni Oromoo lammiisaa rakkate ittiin gargaaru ta’uu ibsaniiru.

Rakkochi furmaata hanga argatutti deeggarsi uummata godinichaa qindeessuun  taasisan kan itti fufu ta’uu kaasaniiru.

Bulchaan godina Baalee obbo Abdulhaakim Aliy deeggarsa taasifameef galateeffachuun tattaaffii rakkoo uumame hir’isuuf taasifamaa jiru qaamoleen biroonis akka deggaran gaafataniiru.

Godinichatti aanaalee gammoojjii 6 keessatti lammiilee kuma dhibba 2 fi kuma 60’f mootummaan naannoo Oromiyaa deeggarsa hatattamaa taasisaa jiraachuu hogganaan waajjira Ittisa Balaa fi kaafamtoota misoomaa godinichaa obbo Wandimaagany Kabbadaa ibsaniiru.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment