Godinni Jimmaa fi Bulchiinsi Magaalaa Jiimmaa waliin ta’un Raayyaa Ittisaa Biyyaaf deeggarsa taasisan

Finfinnee, Sadaasa 6, 2013 (FBC) – Jilli Ministira Raayyaa Ittisaa Biyyaa Dooktar Qana’aa Yaadataa durfamu sirna keenna deeggarsa raayyaa ittisa biyya keenyaatiif hawaasa Magaala Jimmaa fi Godiinni Jimmaa taasisee irratti argame.

Jilli Ministira Raayyaa Ittisaa Biyyaa Dooktar Qana’aa Yaadataa fi Deettaa Ministira Nageenya Ityoophiyaa aadde Firehalem Shibaabaawtiin durfamu sirna keenna deeggarsa raayyaa ittisa biyya keenyaatiif hawaasa Magaala Jimmaa fi Godiinni Jimmaa taasisee irratti argamaniiru.

Haaluma kanaan Magaala Jimmaa irraa Birrii callaa miiliyoona afurii (4,000,000) yuunivarsitii Jimmaa irraa Birrii Miliyoona shan(5,000,000) Ida’aamaan Miliyoona sagal(9,000,000) fi Midhaan Soorata adda addaa konkolaataa Soddoma ( Qamadii, Ruuza, Misiira, zayita..fi kkf) tilmaama Birrii miiliyoona torbaa fi kuma dhibba afur (7,4000,000) tahu Walumaagalatti Magaalli Jimmaa arjoommii qarshii fi midhaan soorataa Birrii miliyoona kudha Jahaa fi kuma dhibba afur (16,400,000 ) kenneera.

Godina Jimmaa irraa sangoota dhibba shanii fi diigdama (520) hooloota dhibba afurii fi kudha torba (417) fi qarshii callaa Birrii miliyoona tokko(1,000,000) waliigala tilmaama Birrii Miliyoona kudha shanii fi kuma dhibba tokko (15,100,000) tahu ;Ida’ama Magaallii Jimmaa fi Godina Jimmaa irraa deggarsa Birrii Miliyoona soddomii tokkoo fi kuma dhibba shan Saddet( 31,500,000) arjoomin taasifameera.

Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Dooktar Qana’aa Yaadataa dabalee keessummoonni sagantiicha irratti argaman ergaa dabarsudhaan Ministarri Raayyaa Ittisa Biyyaa Ityoophiyaas deeggarsa jiraattoonni Magaalaa Jimmaa fi Goodinni Jimmaa Raayyaa ittisa biyyaaf taasisan ilaalchiisun hasawwa taasisanin Hawaasa Kabajamaa fi adda duree kanaan deggarsa taasifameef gammachuu itti dhaga’aamee ibsudhaan Maqaa Raayyaa Ittisa Biyyoolleessaatin galateeffataniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

Comments (0)
Add Comment