Finfinnee, Gurraandhala 5, 2014 (FBC) – Godinni Arsii lammiilee Godina Baalee Bahaatti hongeen miidhamaniif deeggarsa midhaan nyaataa Birrii miiliyoona 18.6tti tilmaamamu taasiiseera.
Jilli Bulchaa Godina Arsii obbo Muusaa Furoon durfamu Magaalaa Ginniiritti argamuun deeggaarsa kana laateera.
Godinichi midhaan nyaataa kuntaa kuma 6 ol lammiilee hongeen midhaman kanneeniif deeggarsa taasiiseera.
Rakkicha hanga furmaata argatuutti godinichi deeggarsa taasiisuu kan itti fufu ta’uu obbo Muusaan ibsaniiru.
Bulchaan Godina Baalee Bahaa obbo Isheetuu Baqqalaan deeggarsa taasiifameef bulchiinsa Godina Arsii galateeffataniiru.
Jiraattoota aanaalee gammoojjii godinichaa keessatti argaman kuma dhibba 3 fi kuma 70f mootummaan deeggarsa midhaan nyaataa dhiyeessaa jiraachuu itti gaafatamtuun Waajjiar Ittisa Balaa fi Kaafamtoota misoomaa Aadde Haragnash Alameen ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.