Finfinnee, Sadaasa 4, 2014 (FBC) – Naannoo Uummattoota Kibbaatti Godinni Walaayittaa yeroo 5ffaaf Raayyaa Ittisa Biyyaaf Deeggarsa Birrii miiliyoona 14 taasiise.
Deeggarsi maallaqaa dabtara Baankii Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaarratti galuu eerameera.
Dabalataanis godinichi sangoota 370, Re’ootaa fi hoolota 332 akkasuma sukkaara kuntaala 10 ol deeggarsa taasiseera.
Sagantaa deeggarsichaan dhiigni yuuniitiin 199 arjoomamuu himameera.
Bulchaan Godinichaa obbo Akililuu Lammaan deeggarsa hawaasni godinichaa taasiseef galateeffachuun deeggarsi taasifamu cimee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.
Maatuusaalaa Maatiyoostu gabaase.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.