Godinichi Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa Birrii Miiliyoona 39.5 ol taasise

Finfinnee, Qaammee 2, 2014(FBC)- Godinni Jimmaa Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa Birrii Miiliyoona 39.5 olitti tilmaamu taasise.

Godinichi  deeggarsa sangoota 250, re’ootaa 12 fi hoolota 222 akkasumas Birri callaa miliyoona 5 fi kuma 600 taasisuu bulchaan godina Jimmaa obbo Tijaani Naasir ibsaniiru.

Weerara Ityoophiyaarratti aggaamame qolachuuf wareegama kaffalaa kan jiru Raayyaa Ittisa Biyyaa cimsuuf hunda dura xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Dabalataanis waajjirri dhimma Dubartootaafi Daa’immanii godinichaa   Rayyaa Ittisa biyyaaf galaa gosa garagaraa kiiloogiraama kuma2fi 806tti tilmaamamu qopheessuun deeggarsa taasisuu  itti gaafatamtuun waajirichaa aadde Laxifaa Abba Nagaa dubbataniiru.

Bifuma walfakkaatuun  jaarmiyaalee dargagoota nageenyaa fi tasgabii godinichaa eegsisuurraatti  bobba’anii jiraniif  holoota 30 fi sangoota 20  deggarsa taasisaniru.

Deeggarsa ariifachiisaa uummanni godiinichaa rayyaa ittisa biyyaaf taasiseef obbo Tijaaniin galateeffachuun gara fulduraatti waan hundaan Raayyaa Ittisaa Biyyaa cinaa kan dhaabbatan ta’uu dubbataniiru.

Tasfaahuun Kabbadaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment