Godinichi Buna toonii kuma 200 gabaa giddugaleessaaf dhiyeessuuf

Finfinnee, Fulbaana 26, 2017 (FBC)- Godina Jimmaatti Buna toonii kuma 200 gabaa giddugalaaf dhiheessuuf karoorfamee hojjatamaa jiraachuun ibsame.

Qulqulina bunaa eegsisuun haala danda’amu irratti yuniyeenootaa fi waldaalee hojii gamtaa waliin mari’atameera.

Bunni godinichaa %96.7 abbootiin qabeenyaan, %3.3 yuuniyenootaan gabaa adduunyaaf dhihaataa jiraachuun kan ibsame yoo ta’u, yuniyeenootnii fi waldaaleen qooda isaanii dabaluuf hojjachuu qabu jedhameera.

Bulchaan Itti Aannaa Godina Jimmaa Obbo Yuusuuf  Shaaroon, godinichatti waggaa waggaatti Bunni toonii kuma 260 akka omishamu dubbataniiru.

Buna godinichatti omishamu gabaa adduunyaaf dhiheessuun dinagdee biyyaa guddisuuf qulqulinaaf xiyyeeffannoo kennuun murteessaa ta’uu himaniiru.

Godinichatti Yuuniyeenoonni 3 fi waldaaleen 103 daldala bunaa irratti hirmaataachaa jiru jedhameera.

Tasfaahuun Kabbadaatu gabaase.

Comments (0)
Add Comment