Godinichi bara 2015tti barattoota kuma 700 ol simatee barsiisuuf hojjechaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Hagayya 28,2014(FBC)- Waajjirri barnoota Godina Arsii Lixaa bara barnootaa 2015tti barattoota kuma dhibba 7 fi kuma 51 simatee barsiisuuf hojjachaa jiraachuu beeksise.

Waajjirichi hojii bara barnoota 2015 irratti qooda fudhattoota waliin mari’ateera.

Sirna baruu fi barsiisuu milkeessuuf daree dabalataa 400 ta’an ganna kana ijaaramuu itti aanaan itti gaafatamaa waajjirichaa obbo Ibsaa Sarbeessaa himaniiru.

Dabalataanis manneen barnoota Bu’uura Boruu 490  bara 2014tti hojjatamanii baruuf barsiisuuf qophaa’uu dubbataniiru.

Waajjirichi Sirna Nyaata manneen barnootaatiin, barattoota barnoota Idileen duraa fi kutaa 1ffaa – 4ffaa kuma dhibba 4 fi kuma 51’f sooranni mana baruumsaatti kan dhiyaatuuf ta’uu waajjirichi eeraniiru.

Hojii barattoota galmeessuutiin hanga ammaatti barattoonni kumni  dhibbi 3fi kumni 80 galmaa’uu ibsameera.

Jibriil Huseenii fi Lammaa Tasfaayeetu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment