Finfinnee, Waxabajjii 9, 2015 (FBC) – Godina Harargee Lixaatti sagantaa ashaaraa magariisaa bara kanaan biqiltuuwwan akaakuuwwan garaagaraa miiliyoona 368 ol dhaabuuf qophiin taasifamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise.
Godinichatti bara kana hojii ashaaraa magariisaa milkeessuuf biqiltuuwwan gosa adda addaa miiliyoona 368 ol dhaabuuf karoorfamee hojjatamaa jiraachuu Itti Aanaa Ittigaafatamaan Waajira Qonnaa Godinaa Harargee Lixaa Obbo Aliyyi Daadhiin himaaniiru.
Dhaabbii biqiltuu gandoota 495 aanaalee godinichaa keessatti argaman keessatti raawwatamuuf hojiin boolli qopheessuu hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Biqiltuuwwan ganna kana sagantaa ashaaraa magariisaatiin dhaabuuf qophaa’aan keessaa % 70 ol biqiltuuwwan kuduraafi muduraa ta’uu eeraniiru.
Biqiltuuwwan barootan darbaan sagantaa ashaaraa magariisaan dhaabaman keessaa % 88 ol latuu Obbo Aliyyiin himaaniiru ragaan Waajjira Kominikeeshinii Godinicharraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.