Godinichatti Qonnaan Bultootaa fi Horsiisee Bultootaaf Paampiin Motoraa raabsame

Finfinnee, Fulbaana 28, 2017 (FBC)- Biiroon Qonna Oromiyaa Godina Shawaa Bahaatti Qonnaan Bultootaa fi Horsiisee Bultootaaf Paampii motoraa kuma 2fi 300 ol raabseera.

Karoora Misooma Qamadii Bonaa milkeessuuf xiyyeeffannaan Hojjetamaa jiraachuu Hogganaan Biirichaa Obbo Geetuu Gammachuun ibsaniiru.

Hojii misooma qamadii bonaa milkeessuf paampiiwwaan kuma 60 dhiyyeessuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

hanga ammaattis paampiiwwaan kumni 20 raabsamuu eeraniiru.

Haaluma kanaan Obbo Geetuu Gammachuun qonnaan bultootaa fi horsiisee bultootaa qamadii bonaa misoomsaniif paampii Motoraa kuma 2 fi319 dabarsanii kennaniiru.

Godinichatti lafa hektaara kuma 395rratti qamadii jallisiin misoomsuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuun ragaan BQO irraa argame ni mul’isa.

Comments (0)
Add Comment