Godinichatti qonna gannaan lafti heektarri kuma 800 ol midhaan gosa garaagaraan uwwifamuun ibsame

Finfinnee, Fulbaana 27, 2017 (FBC)– Godina Shawaa lixaatti qonna gannaan lafti heektarri kuma 800 fi 83 midhaan gosa garaagaraan uwwifamuun kunuunfamaa jiraachuun ibsame.

Sadarkaa itti Aanaa Pireezidaantiitti Qindeessaan Kilaastera Misooma Baadiyyaa Oromiyaa fi qondaaltoonni naannoo biroon Godina Shawaa Lixaa Aanaa Walmaraatti garbuu biqilaa Biiraa qonnaan bultoonni lafa dhangaggaa’ummaa biyyeetiin miidhamee oomishaan ala ta’ee ture nooraadhaan yaaluun misoomsaa jiran daawwataniiru.

Garbuu biqila biiraa waggoota dheeraaf biyyi keenya alaa galchaa turte biyya keessatti oomishuun bakka buusuuf hojii xiyyeeffannoon hojjetameen yeroo oomisha biyya keessaan bakka bu’aa jiraachuu Obbo Addisuun ibsaniiru.

Bulchaan Godina Shawaa Lixaa Obbo Didhaa Guddataa gama isaaniin, Lafa dhangaggaa’uummaa biyyeetiin miidhamee oomishaan ala ta’e nooraadhaan yaaluun gara oomishaatti deebisuun oomishaafi oomishitummaa dabaluuf hojiin hojjetame jajabeessaa ta’uu kaasuu ragan Biiroo Qonna Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Comments (0)
Add Comment