Godinichatti Piroojektoonni garaagaraa 310 ol Birrii biliyoona 4 fi miliyoona 300n ijaaramaan xumuramuun eebbaaf qophaa’an

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2016 (FBC) – Godina Booranaatti Piroojektoonni garaagaraa 310 ol Birrii biiliyoona 4 fi miliyoona 300n ijaaramaa turan jiraattoota kuma 800 ol fayyadamoo taasiisaan xumuramuun eebbaaf qophaa’uu ibsameera.

Piroojektoota eebbaaf qophaa’an keessaa marsaa jalqaabaan piroojektoonni 86 Birrii biiliyoona 1 fi miiliyoona 1 ijaaramaa turan eebbifamaa jiraachuu Bulchaan Godina Booranaa Obbo Abdisalaam Waariyoo himaniiru.

Piroojektoonni garaagaraa Aanaalee Eelwayyee, Bulchiinsa Magaala Yaaballoofi Aanaa Dirreettitti hojjetaman tajaajilaaf banaa ta’uu ragaan Waajjira Kominikeeshinii godinichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment