Godinichatti Piroojektoonni 104 baasii Birrii biiliyoona 2 oliin ijaaraman xumuramuun Eebbaaf qophaa’un ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 29, 2016 (FBC) – Godina Boorana Bahaatti Piroojektoonni 104 baasii Birrii biiliyoona 2.1’n ijaaraman xumuramuun eebbaaf qophaa’uun ibsame.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa Piroojektoota qulqullinaafi yeroo qabame keessatti xumuruun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf hojjechaa jiraachuun eerameera.

Haaluma kanaan Godina Boorana Bahaatti pirojektoonni
buleeyyii 54 fi haaraan 60 waliigalaatti pirojektoonni 104 kan xumuraman yoo ta’u, pirojeektonni kunneen gaaffiifi fedhii hawaasa godinichaa kan deebisuu ta’uu ragaan Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment