Finfinnee, Waxabajjii 10, 2016 (FBC)- Godina Shawaa Kibba Lixaatti pirojektoonni 216 Birrii miiliyoona 854 oliin ijaaraman tajaajilaf qophaa’uun ibsame.
Pirojktoonni kunneen baajata mootummaa, mana qopheessaa fi hirmaannaa uummataatiin kan ijaaraman ta’uun ibsameera.
Pirojektoonni kunneenis Kellaa Fayyaa, wiirtuu leenjii qonnaan bultootaa, daree dabalataa manneen barnootaa, mana qopheessaa Magaalaa Asgorii fi riqaalee adda addaa ta’uu Itti Gaafatamaan Waajjira Maallaqaa Godinichaa Obbo Alamaayyoo Habtawaaldi himaniiru.
Pirojektoonni xumuraman kunneenis hawaasa miiliyoona 1.5 ol fayyadamoo kan taasisu ta’uu ibsanii, uummanni pirojektoota kanneeniif eegumsa fi kunuunsa barbaachisu gochuu akka qabu dhaamuu ragaan kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo mara waan nu waliin taataniif isin galateeffanna.