Finfinnee, Waxabajjii 25, 2016 (FBC) – Godina Iluu Abbaa Booritti Pirojektoonni 963 Birrii biiliyoona 4 fi miiliyoona 600 oliin ijaaraman eebbifamaniiru.
Mootummaan waadaa ummataaf gale dhugoomsuuf hojiilee garaagaraa hojjechaa jiraachuu ibsameera.
Haaluma kanaan Godina Iluu Abbaa Booritti bara kana pirojektoota 963 Birrii biiliyoona 4 fi miiliyoona 600 oliin Aanaalee Godinichaatti hojjetamaa turan xumuramuun eebbifamaniiru.
Bulchaan Godina Iluu Abbaa Boor Obbo Indalkaachoo Tafariin pirojektoota kanneen eebbisuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.