Godinichatti Pirojektoonni Birrii biiliyoona 3 oliin ijaaraman Eebbaaf qophaa’uun ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 24, 2016 (FBC) –Godina Harargee Lixaatti pirojektoonni 123 baasii Birrii biiliyoona 3 fi miiliyoona 160 oliin ijaaraman xumuramuun Eebbaaf qophaa’uun ibsameera.

Godinichatti pirojektoonni gosa garaagaraa bajata Mootummaa fi hirmaannaa ummataan ijaaraman 123 xumuramuun eebbaaf qophaa’uun eerameera.

Mootummaan naannichaa pirojektoota yeroo qabameef keessatti ariitiin, qulqullinaa fi baay’inaan xumuruun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf hojjechaa jiraachuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment