Godinichatti Pirojektoonni Birrii biiliyoona 2 oliin ijaaraman tajaajilaaf qophaa’uun ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2016 (FBC)- Godina Arsii Lixaatti pirojektoonni 529 Birrii biiliyoona 2 fi miiliyoona 268 oliin ijaaraman tajaajilaf qophaa’uun ibsame.

Pirojektoonni kunneen baajata mootummaa, mana qopheessaa fi hirmaannaa uummataatiin kan ijaaraman ta’uu Bulchaa Itti Aanaa fi Walitti Qabaan Koree Pirojektoota Godinichaa Obbo Asaffaa Tolasaan ibsaniiru.

Pirojektoonni ijaarsi isaanii xumurame kunneen hawaasa miiliyoona tokkoo fi kuma 724 ol fayyadamoo kan taasisan ta’uunis eerameera.

Pirojektoonni kunneenis Keellaa Fayyaa, Hospitaala, Waajjiraalee Mootummaa, mankuusaa, paarkii magaalaa, daandii keesssa keessaa fi kanneen biroo ta’uu ragaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo mara waan nu waliin taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment