Godinichatti pirojektiin Finnaa Birrii miiliyoona 564 oliin ijaarame xumuramuun tajaajilaaf baname

Finfinnee, Adoolessa 5, 2016 (FBC)-Godina Baalee Bahaatti pirojektiin Jallisii Finnaa Kattaa Dibbee birrii miiliyoona 564 oliin ijaarame xumuramuun tajaajilaaf banameera.

Sirnicharratti Hoggannaa Itti Aanaan Biiroo Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa Injiinar Alamuu Raggaasaafi Bulchaan Godina Baalee Bahaa Obbo Jaarsoo Boruun argamaniiru.

Godinichatti pirojektoonni jallisii Finnaa afur hojjetamaa jiran keessaa pirojektiin Kattaa Dibbee isa tokko ta’uu Bulchaan Godinichaa Obbo Jaarsoo Boruun himuu ragaan Biiroo Kominiikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment