Godinichatti Paampiiwwan bishaanii oomisha qamadii jallisiif oolan 200 qonnaan bultootaaf raabsame

Finfinnee, Onkololeessa 26, 2014 (FBC) – Godina Arsii Lixaatti Paampiiwwan oomisha  qamadii Jallisii Bonaatiif oolan 200 qonnaan bultootaaf rabsamuu ibsame.

Godinichatti lafa hektaara kuma 12 ol qamadii jallisii bonaatiin misoomsuuf qophiin taasifamaa jiraachuu eerameera.

Paampiiwwan kana dura turan dabalatee waliigalatti paampiiwwan tajaajila kennan kuma 1 fi 400 jallisii bonaatiif qophii ta’u Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godinichaa obbo Abdallaa Ibraahim himaniiru.

Qonna bonaa marsaa 1ffaatiin lafa hektaara kuma 12 fi 788 misoomsuuf karoorafamee hojjatamaa jiraachuu kaasaniiru.

Bara kana akka Oromiyaatti jallisii marsaa jalqabaan lafa hektaara kuma dhibba 3 fi kuma 50 misoomsuuf karoorfame hojjetamaa jiraachuu ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment