Godinichatti oppireeshinii qindaa’aa qamoleen nageenyaa gaggeessaniin namoonni 62 farra nageenyaan ukkaamfamanii turan gara hawaasaatti makaman

Finfinnee, Muddee 13, 2014 (FBC)-  Naannoo Beenishaangul Gumuz Godina Kamaashiitti sakattoo fi oppireeshinii qindaa’aa qamoleen nageenyaa gaggeessaniin namoonni 62  farra nageenyaan ukkaamfamanii turan gara hawaasaatti makamuu Komishiniin Poolisii naannoo Beenishaangul Gumuz beeksise.

Humnoonni jalee garee shororkeessaa ABUT uummataa fi biyyaaf dhimma hin qabne hawaasa dogoggorsuun, dirqamsiisuunii fi ukkaamsuun kaayyoo badiif hiriirsaa jiraachuu Ittaanaan komishinara Komishinii Polisii naannichaa Misgaanaa Injifataa ibsaniiru.

Qaamoleen nageenyaa kutaalee hawaasaa ukkaamfamanii fudhataman deebisuuf qabsoo taasisan galateeffataniiru.

Hojiin lammiilee nagaa diina harkaa baasuu cimee akka itti fufu gaafataniiru.

Sakattoo fi oppireeshinii gaggeeffameen namoota 62 harka diinaatii baasuun danda’amuu himaniiru.

Nannichatti bakkeewwan garaagaraatti namoonni dirqamaan ukkaamfaman karaa nagaan akka deebi’aniif mootummaan deeggarsa barbaachisaa akka taasisu ibsuu isaanii ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment