Godinichatti Misooma Sululaan lafa hektaara kuma 156 olirratti ni gaggeeffama

Finfinnee, Amajjii 9, 2016 (FBC)- Godina Wallaggaa Bahaatti, hojiin misooma sululaa lafa heektaraa kuma 156 olirratti kan hojjetamu ta’uun ibsame.

Duulli hojiilee Misooma Sululaa kan Bara 2016 sadarkaa Oromiyaatti har’a eegaleera.

Duulli misooma Sululaa kunis Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Wayyuu Tuqaatti gaggeeffamuu eegaleera.

Haaluma kanaan duulli misoomsi sululaa godinichatti mata duree “Biyyaa fi Biyyee kunuunsuun Dhalootaaf haa dabarsinu” jedhuun Aanaalee 17 keessatti sululoota 288 lafa hektaara kuma 156 fi 665 irratti misoomsuuf kan hojjetamu ta’uu Bulchaan Godinicha Obbo Gammadaa Tafarraan ibsaniiru.

Galaanaa Tasfaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment