Godinichatti lafa hektaara kuma 111 qamadii Jallisii Boneen misoomsuun callaa kuntaala miiliyoona 4.8 argachuuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Mudde 11, 2016 (FBC) – Godina Arsiitti lafa hektaara kuma 111 qamadii Jallisii Boneen misoomsuun calla kuntaala miiliyoona 4.8 argachuuf hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa godinichaa beeksiise.

Aanaa Siraarootti qamadiin jallisii bonaan misoomaa jiru sadarkaa abdachiisaarra jiraachuu ibsameera.

Akka Godinichaatti bara kana aanaalee 10 keessatti qamadii jallisiidhaan lafa hektaara kuma 111 ol qotuuf karoorfamee hojjetamaa jiru irraa callaa kuntaala miiliyoona 4.8 ol argachuuf hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Bulchaa Ittaanaan godinichaa Obbo Asaffaa Tolasaa Godina Arsii Lixaatti oomisha Gannaa cinaatti jallisiidhaan hojii hojjetamaa jiruun bu’aan abdachiisaan argamaa jiraachuu himaniiru.

Aanaa Siraarootti barana qamadii jallisiidhaan lafa hektaara 310 kan facaafame yoo ta’u, yeroo ammaa qamadiin jallisiidhaan laga Bilaateetti hektaara 100 irratti dargaggoota hojii dhabeeyyii waldaan gurmeessuun misoomaa jiru sadarkaa abdachiisaa irra jiraachuu dubbataniiru.

Biqilaa Tufaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment