Godinichatti lafa hektaara kuma 105 qamadii jallisii Bonnaan misoomsuuf hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Mudde 15, 2016 (FBC) – Godina Shawaa Kibba Lixaatti lafa hektaara kuma 105 qamadii jallisii Bonnaan misoomsuuf hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa godinichaa beeksiise.

Oromiyaatti Misooma qamadii Bonaan hanga ammaatti lafti hektaarri miiliyoonni 2 fi kumni 211 ol faca’uu ibsameera.

Jilli Itti Aanaa Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Bariisoo Fayyisaan durfamu Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Daawootti qamadii jallisii Bonaan facaasuun qonnaan bultoota jajjabeesseera.

Godinichatti bara kana lafa hektaara kuma 105 misoomsuuf karoorfamee hanga ammaatti lafti hektaarri kumni 94 ol qophaa’uun hektaarri kumni 82 fi 210 faca’uu ragaan BQO irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment