Godinichatti lafa heektaara kuma 200 irratti qamadii jallisiin misoomsuuf hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 28, 2015(FBC)- Godina Shawaa Bahaatti lafa heektaara kuma 200 irratti jallisii boneen qamadii misoomsuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Godinichaa ibse.

Hogganaan Waajjira Qonnaa godinichaa Obbo Masfin Tashoomaa turtii Faanaa Broodkaastiing Korporeet waliin taasisaniin, godinichatti misooma qamadii jallisii boneerraa calla kuntaala miiliyoona 7.6 ol walitti qabuun karoora biyyattiin qamadii gabaa biyya keessaafi alaaf dhiyeessuuf karoorfatte milkeessuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Karooricha galmaan gahuuf rakkoo dhiyeessii mootara bishaan harkisuufi galtee furuuf hojjetamuu eeraniiru.

Bu’uuruma kanaan paampiiwwan bishaanii kuma 2 ol qonnaan bultootaaf raabsamuu kaasaniiru.

Jenereetaroonni gurguddoon bishaan harkisan yeroo itti aanutti qonnaan bultootaaf raabsaman kumni 2 ol qophaa’uu, Bulchaan Godinichaa obbo Abbaabbuu Waaqoo ibsaniiru.

Yismuu Adaraawutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment