Godinichatti  hojiin qonna qamadii jallisii bonee % 94  ol misoomuu ibsame

Finfinnee, Muddee 13, 2014 (FBC)-  Godina Arsii Lixaatti lafa heektaara kuma 12 fi 788 irratti qamadii jallisii boneen misoomsuuf karoorfamee hanga yoonaatti lafti hektaarri kuma 12 fi 37 harki 94 ol misoomuu ibsameera.

Godinichatti Aanaa Heeban Arsii ganda Shuuphaa Bultuumitti guyyaa tokkotti qamadii jallisii booneetin heektaarri kuma 1 faca’uu ibsameera.

Ittaanaan hogganaa biroo qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammchuu dhimmi qamadii jal’isiin hojjachuu dubbii birmadummaa biyyaa ta’uu sagantaa facaasaa kanarratti ibsaniiru.

Wabii midhaan nyaataatiin sadarkaa maatiitti of danda’uu bira darbee qamadii biyya alarraa galuu hambisuu qabna jedhaniiru.

Hojiin qamadii jallisii bonaa akka milkaa’uuf ajandaa hoggansa sadarkaan jiruu taasisuun xiyyeeffannoon hojjatamaa jiraachuu bulchaan godinichaa Obbo  Ahimad Hajii himaniiru.

Akka godinichaatti lafa heektaara kuma 12 fi 788 irratti qamadii jallisii boneen misoomsuuf karoorfamee,hanga ammaatti lafti hektaarri kuma 12 fi 37, % 94 ol misoomuu Itti gaafatamaan waajjiira Qonnaa godinichaa Dooktar Abdullaahii Beekaa ibsuu isaanii ragaan waajjira kominikeeshinii godinichaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment