Godinichatti hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu hojjetameen hanga ammaatt hidhattoonni kumni 3 ol harka laataachuu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 7, 2013 (FBC) – Godina Matakkalitti hidhattoota karaa nagaan harka laataniif leenjiin haaromsaa kennamuuf ta’uu koreen Humna Qindoomaa Godinichaa beeksiiseera.
Godina Matakkalitti hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu hojjetameen hanga ammaatt hidhattoonni kumni 3 fi 230 karaa nagaan harka laachuu itti aanaa Ajajaan Izzii Lixaa fi miseensi korichaa Brigaadeer Jeneraal Waldee Alamaayyahu ibsaniiru.
Hidhattoota karaa nagaan harka laatan kanneeniif leenjii haaromsaa laachuuf qophiin xummuramuu ibsaniiru.
Koreen Humna Qindoomaa Godinichatti hundaa’e jiraattoota waliin dhimmoota haala yeroorratti marii taasiiseera.
Hidhattoonni karaa nagaan harka laatan kunneen nageenyaa, misoomaa, guddina diinagdee fi ijaarsa sirna diimookraasii naannichaa keessatti qooda isaanii akka ba’an leenjii haaromsaa laachuuf qophiin xummuramuu itti aanaa Ajajaan Izzii Lixaa fi miseensi Korichaa Brigaadeer Jeneraal Waldee Alamaayyahu ibsaniiru.
Humnoota hidhatan ilaalchisee odeeffannoon miidiyaalee hawaasaarratti tamsa’aa jiru odeeffannoo sobaa ta’uu eeraniiru.
Jiraannoon magaalaa odeeffannoowwan miidiyaalee hawaasaan tatamsa’u odeeffannoo dogongoraa ta’uu hubachuun tokkummaa cimsuun nageenya naannoo isaanii akka eeggan hogganaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa naannoo Beenishaanguul Guumuuz obbo Abiyoot Albooroon ibsaniiru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment