Godinichatti duula torbee Bittaa Boondii gaggeeffamaa jiruun Boondiin Birrii miliyoona 6.2 bitamuu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 5, 2014 (FBC) – Godina Harargee Lixaatti duula torbee Bittaa Boondii gaggeeffamaa jiruun Boondiin Birrii miliyoona 6.2 bitamuu Waajjirri Kominikeeshinii Mootummaa godinichaa beeksiseera.

Guyyaa har’a Aanaa Gammachiis keessatti bittaan boondii Birrii kuma dhibba 2 fi kuma 50 raawwachuu itti Gaafatamaan Waajjira Kominikeeshinii Mootummaa godinichaa obboo Xahaa Ahimad ibsaniiru.

Hoggansi aanaa Gammachiisii fi Araddoota aanichaa guyyoota sadan darbaniif marii gamaagamaa gaggeessaa turan xumuruun hojii fakkeenyummaa qabuu fi muuxxannoo ta’uu danda’u raawwachuu eeraniiru.

Akka Godinichaatti aanaalee fi magaaloonni hanga guyyaa har’aatti bittaa boondii Birri miliyoona 6.2 raawwaachh dubbataniiru.

Duula torbee bittaa boondii bara kanaa akka Godina Harargee Lixaatti qabameen guyyoota muraasa keessatti bittaa boondii Birrii miiliyoona 19.3 gaggeessuuf hojjetamaa jiraachuu himuu isaanii ragaan Waajjira Kominikeeshinii Mootummaa godina Harargee Lixaarraa argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment