Godinichatti dargaggoota kuma 100 fi kuma 11’f carraan hojii uumamuu ibsame

Finfinnee, Qaammee 1, 2014 (FBC) – Godina jimmaatti bara 2014tti dargaggoota kuma dhibba 1 fi kuma 11’f carraan hojii uumamuu waajjirrii carraa hojii uumuu fi ogummaa godinichaa beeksise.

Godinichatti bara darbe dargaggoota kuma 85’f carraa hojii uumuuf karoorfame dargaggoota kuma dhibba 1 fi kuma 11’f carraan hojii uumamuu Itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Habtaamuu Kaasaa ibsaniiru.

Carraan hojii kunis dameelee Qonnaa, Daldala, Maanufaakchariingi,Albuuda,Tajaajila, Misooma  Beelladaa fi Ijaarsan ta’uu kaasaniiru.

Bara 2015ttis hojii dhabdoota kuma 100fi kuma 68 oliif carraa hojii uumuuf karoori qabamee hojiin callalii hojjetamaa jiraachuu obbo Habtaamuun Faanaa Broodkaastiing Korporeetitti himaniiru.

Tamasgeen Allabbaachootu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment