Godinichatti Damma toonii kuma 6 argachuuf hojjetamaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Sadaasa 15, 2017 (FBC)- Godina Baaleetti Damma toonii kuma 6 argachuuf hojjetamaa jiraachuun ibsame.

Godinicha Aanaa Gobbaatti hojiileen Sagantaa Maaddii Guutuun hojjetamaa jiran Ogeeyyii miidiyaan daawwatamaniiru.

Godinichatti dargaggoota gurmeessuu fi qonnaan bultoota leenjisuun hojii oomisha Dammaarratti akka bobba’an taasifamuu fi gaagurri ammayyaa kuma 22 raabsamuu Bulchaan Godiniciha Obbo Abdulhaakiim Aliyyii dubbataniiru.

Haaluma kanaan oomisha Dammaa toonii kuma 6 argachuuf hojjetamaa jiraachuu eeranii, damma oomishuutti dabalataan, qonnaan bultoonni daldala alaaf oomisha qulqullinaa eeggate dhiyeessuu eegalaniiru jedhan.

Qonnaan bultoonni hojii oomisha Dammaarratti bobba’anis damichaan jireenya isaanii fooyyeffachuu fi jijjiiramaa jiraachuu kaasaniiru.

Oomisha Dammaatti dabalataan qonnaa magaalaan fayyadamtootaa ta’aa jirra jedhan.

Qindeessummaa Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaan naannawaalee garaagaraatti hojiileen Sagantaa Maaddii Guutuun hojjetamaa jiran Ogeeyyi miidiyaan daawwatamaa jiru.

Fatiyaa Abdallaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment