Godinichatti biqiltuu bunaa miiliyoona 400 ol kilaasteraan misoomsuuf dhaabbiin eegale

Finfinnee, Waxabajjii 15, 2015 (FBC) – Godina Jimmaatti biqiltuu bunaa miililiyoona 400 fi miiliyoonni 23 kilaasteraan misoomsuuf aanaa Nadhii Gibeetti sirni dhaabbii eegaleera.

Misooma Bunaa bara kanaaf qophiin biqiltuufi boollaa dursee raawwatamuu Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa godina Jimmaa Obbo Mahammad Xahaa Abbaa Fiixaan ibsaniiru.

Godinichatti kilaasteroota kuma 1fi 300 irratti dhaabbiin biqiltuu Bunaa ni raawwatama jedhaniiru.

Godinichatti laftii heektaarri kumni 500 ol Bunaan uwwifamuu Bulchaan godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir dubbataniiru.

Bara kana Bunni tooniin kumni 100fi kumni 69 gabaa giddu galaaf dhihaachuu himaniiru.

Bara dhufu Buna toonii kuma 200fi kuma 20 gabaa giddu galaaf dhiheessuuf karoorfamuu ibsameera.

Muktaar Xahaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment