Finfinnee, Caamsaa 3, 2016 (FBC) – Godina Harargee Lixaatti barattoonni kumni 53 ol qormaata Biyyaalessaafi naannoo kutaa 6ffaa, 8ffaafi 12ffaa fudhachuuf qophii taasisaa jiraachuu Waajjirri Barnoota Godinichaa beeksise.
Qormaata naannoo kutaa 6ffaafi 8ffaa karaa qulqullina qabuun barattoora qoruuf caasaa barnootaa sadarkaan jiru waliin qindoominaan hojjatamaa jiraachuu Ittaanaa Ittigaafatamaa Waajjira Barnootaa Godina Harargee Lixaa Obbo Abdii Siraaj ibsaniiru.
Akka Godinichatti bara kana manneen barnoota kutaa 6ffaa, 8ffaafi 12ffaa jiran kuma 10 fi 98 keessatti barattoota kuma 53 fi 806 qorumsa biyyoolessaafi naannoo kennuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Gumii Tiraanisformeeshinii Barnootaa manneen barnoota hunda keessatti hundeessuun qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuu ragaan Kominikeeshinii godinichaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.