Finfinnee, Hagayya 11, 2015 (FBC) – Godina Jimmaatti bara baajataa kana Gaagura Ammaayyaa kuma 180 ol raabsuuf hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksiseera.
Godina Jimmaatti Inisheetiivii misooma Dammaa babal’isuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu eerameera.
Bara baajataa 2016tti kalaqaafi Ariitiin Inisheetivii misooma Dammaa mirkaneessuuf akka Godinichaatti Gaagura kuma 180 raabsuuf karoorfamee hojjatamaa jiraachuu Itti gaafatamaan waajjira Qonnaa godinichaa Obbo Mahammad Xahaa Abbaa Fiixaa himaniiru.
Hanga ammaattis Gaagurri ammayyaa kumni 12 fi 850 Aanoolee godinichaaf Raabsamuu isaa Obbo Mahammad Xahaan ibsuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.