Godinichatti balaa tiraafikaan qabeenyi Birrii miiliyoona 15 olii manca’uun ibsame

Finfinnee, Guraandhala 28, 2016 (FBC)-Ji’oottan 6’n darban Godina Wallagga Bahaatti balaa tiraafikaa uumameen qabeenyi Birrii miiliyoona 15 olii barbadaa’uun eerame.

Qindeessummaa Ejensii Geejjibaa fi Qajeelchaa Poolisii Godinaa Wallaggaa Bahaan sosochiin Torbee Tiraafikaa Aanaa Leeqaa Dullachaatti gaggeeffameera.

Saganticharratti Bulchaa Itti Aanaa Godina Wallaggaa Bahaa Obbo Gammadaa Tafarraa fi Itti Gaafatamtoonni Waajjiraalee garaagaraa argamaniiruu.

Waltajjicharratti waraqaa qorannoo dhiyaateen ji’oottan 6’n darban lubbuun namoota 24 balaa tiraafikaan yoo darbu namoota 109 irraa immoo balaa qaama cimaa fi salphaan qaqqabuun ibsameera.

Dabalataan qabeenya Birrii miiliyoona 15 fi kuma 608 fi 732rra mancaatiin ga’uu ibsameera.

Galaanaa Tasfaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment