Finfinnee, Sadaasa 25, 2014 (FBC) – Naannoo Amaaraatti godina Shawaa kaabaa bakkeewwan weerara garee shororkeessaa ABUT jalaa bilisa ba’anitti hojiin idilee mootummaa Wiixatarraa kaasee kan itti fufu ta’uu ibsame.
Godinichatti hojiin idilee mootummaa wiixata dhufurraa kaasee kan itti fufu ta’uu bulchaan godinichaa obbo Taaddasaa Gabratsaadiq ibsaniiru.
Kanaaf ammoo haaldureen barbaachisu hundi xumuramuu Faanaa Broodkaastiing Koorporeetiif ibsaniiru.
Godinichatti bakkeewwan garee shororkeessaan weeraramanii turan qabsoo Raayyaa Ittisa Biyyaa, qaamolee nageenyaa biroo fi hawaasa godiinichaan bilisa ba’uu yaadachiisaniiru.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa
argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.