Godinichatti baatii lama keessaatti meeshaaleen waraanaa fi baalli sammuu nama haadochu to’annaa jala ooluu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 18, 2014 (FBC)- Godina Gujii Bahaatti baatii Fulbaanaa  fi  Onkololeessa keessaa meeshaaleen waraanaa, kontiroobaandii  fi baalli sammuu namaa haadochu to’annaa jala ooluu Komishiniin Poolisii Oromiyaa ibseera.

Godinichatti hojii oppireeshinii adda addaa hojjetameen eeruu hawaasaa fi sakattoo taasifameen baallii sammuu namaa haadoch Kaanabis kiilo garaamni 500 ol, Motor Saayikilii 5, booksarii abbaa “cc” 150, Gajaraan 563 fi rasaasni Bireenii 896 akkasumas   rasaasoonni kilaashii 6 fi 780 to’annaa jala ooluu ibsameera.

Meeshaalee kanneen waliinis shakkamtoonni 7 to’annaa jala ooluu ragaan Komishinii Poolisii Naannoo Oromiyaarra argame ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

Comments (0)
Add Comment