Godinichaatti pirojektoonni hojjetamaa jiran hooggantoota mootummaa Federaalaafi Naannoon dawwataman

Finfinnee, Bitootessa 30, 2016 (FBC) – Piroojektootni Godina Qellem Wallaggaatti hojjetamaa jiran hooggantoota mootummaa Federaalaafi Naannoon dawwatamaniiru.

Piroojektotni Jallisifi Daandii Aanaalee Hawwaa Galaan, Laaloo Qileefi Sadii Caanqaatti hojjetamaa jiran sadarkaa irra jiran ilaalun hanqinaalee adda baasun deegarsa barbaachisu taasisuun kaayyoo daawwanichaa ta’uun himameera .

Daawwanicharratti Ministirri Ministeera Bishaaniifi Inarjii Dooktar Injinar Habtaamuu Ittafaa, Komishinarri Komishinii Gumrukaa Dabalee Qaabataa ,Af Yaa’iin Itti Aanaa Obbo Eeliyaas Uummataa, Itti Gaafatamaan Damee Siyaasaa Paartii Badhaadhina Damee Oromiyaa Dooktar Biqilaa Hurrisaa, Ministir Deetaan Ministeera Pilaanii f Misomaa Dooktar Namarraa Gabayyoon daawwannicharratti argamaniiru.

Godinichatti Piroojektootni 875, sadarkaa federaalaa hanga hirmaannaa uumataatti hojjetamaa jiraachuu Bulchaan Godina Qellam Wallaggaa Obbo Gammachuu Gurmeesaaan himaniiru.

Muluu Waaqshumeetu gabaase.

Comments (0)
Add Comment