Godinichatti inisheetivii qonnaa boloqqee al-ergii, qamadii fi horsiisa looniin hojiilee jajjabeessan hojjetamaniiru-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Hagayya 9, 2016 (FBC)- Godina Arisii Lixaatti inisheetivii qonnaa boloqqee al-ergii, qamadii fi horsiisa looniin hojiilee jajjabeessan hojjetamuu Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan ibsan.

Pireezidaanti Shimallis “Guyyaa har’aa Godina Arsii Lixaatti qaari’uun qe’ee fi oyiruu hawaasa keenyaa keessatti argamnee, miiraf gaaffii isaa arga-dhageettiin qalbeeffataa, meeshaa misoomaa keenya kan tahan inisheetivootafi pirojektoota hojjetamaa jiraniin jijjiirama dhufaa jiru madaalaa, hanqinaafi cimina jiran adda baasaa, to’achaa, akkasumas muuxannoo babal’achuu qabu seecha’uun kallattii hojii itti aanu gumeessaa jirra” jedhan.

Daawwannaa Magaalaa fi Aanaa Shaashamannee, Magaalaa Kofalee, Magaalaa fi Aanaa Dodolaa akkasumas, Aanaa Gadab Hasaasaatti taasisaniin godinichatti inisheetivii qonnaa akka boloqqee al-ergii, qamadiifi horsiisa looniitiin hojii jajjabeessan kan hojjetame ta’uu hubachuu gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin eeraniiru.

Carraalee misoomaa bal’aa, leecalloo qaqqaalii fi haala qilleensa mijataa godinichi qabu qixa barbaadamuun hoggannaan, bu’aan caalu yeroo gabaabaa keessatti argamsiisuun akka danda’amus kaasaniiru.

Humni sochii misoomaa godinichaa jajjabeessaa akka ta’ee eeruun, kaka’uumsii fi qophiin ummanni misoomaaf qabu, dabalataan abdiin qabu, “Amanamummaa fi aantummaa olaanaan akka hojjennuuf haamilee fi anniisaa imala badhaadhinaa kan nuuf ta’uudha” jechuun ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment