Godinia Arsii Lixaatti miseensonni Ishuraansii Fayyaa kumni dhibbi 4fi kumni 80 ol horatamuu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 6, 2015(FBC)- Godinia Arsii Lixaatti bara kana baatiiwwan darbanitti miseensonni Ishuraansii Fayyaa kumni dhibbi 4fi kumni 80fi 489 horatamuu waajjirri eegumsa fayyaa godinichaa ibseera.

Inshuraanfiin fayyaa hawaasaa rakkoo fayyaa hawaasaa furuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu Itti Gaafatamaan Waajjira Eegumsa Fayyaa godinichaa Obbo Girmaa Yaazaw ibsaniiru.

Godinichatti buusiin Inshuransii fayyaa Birrii miiliyoona dhibba 1fi miiliyoona 81’tti dhihaatu miseensotarraa walitti qabamuus kaasaniiru.

Rakkoolee kenna tajaajilaa gama inshuraansii fayyaa jiran furuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Jibriil Huseentu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment