Godinaaleen Oromiyaa qophii xumuruu beeksisan

Finfinnee, Adoolessa 9, 2015 (FBC)-Godinaalee Naannoo Oromiyaa duulaa biyyaalessaa guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 500’f dhaabuuf karoorfameerratti hirmaachuuf qophiilee barbaachisaa xumuruu beeksisan.

Haaluma kanaan Godina Jimmaatti Adoolessa 10 biqiltuun gosa garaagaraa miliyoona 32.2 dhaabbuuf karoorfamuu fi guyyichattis hawaasaa bal’aa hirmaachisuuf biqiltuu dhaabuuf biqiltuun dhaabamuu fi boollii qophaa’ee xumuramuun eerameera.

Godina Shawaa Kaabaattis Sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiltuuwwan miiliyoona 273 dhaabbiif qophaa’e keessaa biqiltuu Miiliyoona 16 guyyaa tokkoon dhaabuuf boolli qophaa’uu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksiseera.

Hanga ammaattis biqiltuun Miiliyoona 205 dhaabachuu beeksiseera.

Godina Shawaa Bahaatti biqiltuuwwan gosa garagaraa miliyoona 200 fi miliyoona 60 dhaabuuf karoorfamee keessaa guyyaa boruu biqiltuuwwan gosa garaagaraa miliyoonaa 38 ol hawaasaa godinichan kan dhabbamu ta’uu Wajjirri qonnaa Godinichaa beeksiseera.

Akkasumas Adoolessa 10, 2015’tti biqiltuuwwan miiliyoona 10 ol dhaabuuf qophiin xumuramuu Godinni Baalee beeksiseera.

Godinichatti biqiltuuwwan dhaabaman rakkoo jijjiirama qilleensaatiin dhufaa jiru xiqqeessuu dabalatee biqiltuuwwan nyaataaf oolan akkasumas eegumsa biyyoofi bishaaniif oolan ta’uus ibsameera.

Kana malees, Godina Arsiitti biqiltuuwwan akaakuu garagaraa miliyoona 45 ol dhaabuuf haal-dureen xumuramuun ibsameera.

Godininichatti buufataalee 131tti biqiltuuwwan gosa garagaraa miliyoona dhibba 254 ol qophaa’uu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksiseera.

Haaluma walfakkaatuun Duula dhaabbii biqiltuu Ashaaraa magariisaa Adoolessa 10’tti biqiltuu miiliyoona 7 ol Aanaalee hunda keessatti dhaabuuf qophiin xumuramuu Waajjiriri Qonnaa Godina Gujii Lixaa beeksiseera.

Godinichatti barana biqiltuuwwaan miiliyoona 58 ol dhaabbaaf karoorfame keessaa hanga ammaatti biqiltuun miiliyoona 49 hanga ammaatti dhaabbameera.

Gama biraatiin Godina Qellem Wallaggaatti guyyaa borii qofaa biqiltuun bosonaa gosa garaagaraa miiliyoona 53.7 lafa hektaara kuma 10 ol irraa dhaabuuf qophaa’uu qophiin xumuramuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa eereera.

Rippootarootaa fi Kominikeeshini Godinaaleerraa

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment