Godinaaleen garaagaraa Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa taasisan

Finfinnee, Qaammee 2, 2014(FBC)- Godinaaleen Walaayittaa, Kafaafi Kambaataa Xambaaroo Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa taasisan.

Bulchiinsi godinaafi uummanni Walaayittaa Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa sangoota 206, hoolaafi re’ee 712, bassoo kuntaala kuma 1 fi 510, sukkaara kuntaala 198 ol walumaagalatti deeggarsa Birrii miiliyoona 34tti shallagamu taasisuu eerameera.

Dabalataanis dhiiga yuuniitii kuma 6 fi 800 walitti qabuun gara adda waraanaatti erguu ibsameera.

Bifuma walfakkaatuun godina Kafaatti mata duree “ Anis biyya koof loltuudha” jedhuun sosochii Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa walitti qabuu gaggeeffameen aanaalee hundarraa sangoonni 139fi hoolonni 26 walitti qabamuu eerameera.

Godina Kambaataa Xambaaroottis Raayyaa Ittisa Biyyaaf sangoonni 105, hoolonniifi re’oonni 250, nyaatni alaa’uu hin dandeenye kuntaalli kuma 6 oliifi sukkaarri kuntaalli 60 walumaagalatti deeggarsi Birrii miiliyoona 13.8tti tilmaamamu taasifamuu ibsameera.

Yeroo itti aanutti lammiin hundi tokkummaa isaa cimsuun birmadummaa biyyaa kabachiisuuf deeggarsa barbaachisaa taasisuu akka qabu waamicha dhiyeessuu ragaan kominikeeshinii godinaalee kanneenirraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment