Godinaalee Wallagaatti nageenyi waaraan mirkanaa’aa dhufuu Ajajni Giddugala Daalool ibse

Finfinnee, Caamsaa 13, 2016 (FBC) – Godinaalee Wallagaa hunda keessatti hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu hojjetamaa jiruun nageenyi waaraan mirkanaa’aa dhufuu Raayyaa Ittisaatti Ajajni Giddugala Daalool ibseera.
Godinaalee Wallaggaa Arfanitti Tarkaanfii garee Shaneerratti qindoominaan fudhatamaa jiruun naannawaa hedduu bilisa taasiisuun danda’amuu Ajajichatti Itti Gaafatamaan Ijaarsa Xinsammuu Koloneel Lachiisaa Magarsaan ibsaniiru.
Garichi naannawaa kanneenitti miidhaa cimaa qaqqabsiisuu himaniiru.
Sosochii barnootaa fi diinagdee danquu dabalatee miidhaa sukaneessaa hawaasarraan gahuu TOI gabaaseera.
Yeroo ammaa tarkaanfii qindoomaa Raayyaan Ittisaa qaamolee nageenyaa biroo waliin ta’uun fudhachaa jiruun godinaalee kanneenitti nageenyi mirkanaa’aa dhufuu dubbataniiru.
Comments (0)
Add Comment