Godinaalee shanitti lafti heektaarri kuma 618 misooma qamadii Arfaasaatiin uwwifameera-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Adoolessa 19, 2015 9FBC)-Bara oomishaa 2015, Godinaalee Booranaa, Boorana Bahaa, Gujii, Gujii Lixaafi Baale Bahaa keessatti lafa heektaara kuma 618 misooma qamadii Arfaasaatiin akka uwwifame Pireezidaantiin Nananoo oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.

Pireezidanti Shimallis gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, mootummaan Naannoo Oromiyaa jiruu fi jireenya hawaasa horsiisee bulaa naannichaa foyyessuuf imaammata fi tarsiimoo ifa ta’e qabatee socho’aa jira.

Keessumaa gogiinsaa fi hongee deddeebi’ee muudatu yeroof furuu cinaatti, hojiilee furmaata yeroo hundaa ta’an irratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Horsiisa beeyladaa naannawichaa fooyyessuu cinaattis, lafa toora horsiisee bulaa jiru gara oomishtummaatti galchuuf hojii hojjetameen misooma qamadiitiin seenaa haaraa fi bu’aa olaanaan argamaa jiraachuu kaasan.

Bara oomishaa 2015, Godinaalee Booranaa, Boorana Bahaa, Gujii, Gujii Lixaa fi Baale Bahaa keessatti lafa heektaara kuma 618 misooma qamadii Arfaasaatiin uwwisuun akka danda’ame ibsaniiru.

Hanga ammaatti lafa %86 irraa kan sassaabameen callaan kuntaala miiliyoona 6’tti dhiyaatu argameera jedhan.

Qonna naannichaa hirkattummaa roobaa jalaa baasuun fayyadamummaa ummata mirkaneessuf yeroo kamuu caalaa mootummaan naannichaa kan hojjetu ta’uu eerniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment