Godinaalee Qellem Wallaggaa fi Wallaggaa Lixaatti duulli biqiltuu dhaabuu gaggeeffame

Finfinnee, Hagayya 17, 2016 (FBC)-Aanaalee Godinaalee Qellem Wallaggaa fi Wallaggaa Lixaatti duulli Ashaaraa Magariisaa guyyaa tokkoo gaggeeffameera.

Duulicharratti kutaaleen hawaasaa fi hojettoonni mootummaa akkasumas caasaan bulchiinsaa godinichaa kan hirmaatan ta’uun eerameera.

Godina Qellem Wallaggatti duulichi bakkeewwan 463tti lafa hektaara kuma 14 fi 557rratti gaggeeffamuu ragaan kominikeshinii godinichaarraa argame ni mul’isa.

Bifuma walfakkaatuun Godina Wallagga Lixaa aanaalee hunda keessatti hirmaannaa kutaa hawaasaa hundaan duulli dhaabbii biqilaa gaggeeffamuunibsameera.

#Oromia #Ethiopia #Ashaaraa_Magariisaa

Comments (0)
Add Comment