Godinaalee Qellem Wallaggaa fi Wallaggaa Bahaatti oppireeshinii gaggeeffameen miseensoonni Shanee 49 ol qabaman

Finfinnee, Amajjii 24, 2014 (FBC)- Godinaalee Qellem Wallaggaa fi Wallaggaa Bahaatti oppireeshinii gaggeeffameen miseensoonni Shanee 49 ol qabamu Komishiniin Poolisii naannoo Oromiyaa beeksiseera.

Godinaalee kanneenitti hojii oppireeshinii qaamoleen nageenyaa waloon hojjetaniin miseensoota booji’aman dabalatee meeshaleen gariichi samees to’annaa jala ooluu ibsameera.

Hojiin raayyaan ittisa biyyaa, poolisiinii federaa fi naannichaa waloon hojjetaniin gareen Shanee 17 yoo boji’aamaan, 49 ammoo qabamuu ibsameera.

Garichi konkolaattoota mootummaa fi uummataarra samees gubeera jedhame.

Dabalataniis meeshaalee jenereetara, mootarsaaykilii fi meeshaalee  elektirooniksii garichi saamee ture to’annaa jala ooluu poolisiin ibseera.

Rasaasni kilaashii kumni 5 fi 895, rasasni bireenii kumni 22 fi 132  to’atamuu ragaan Komishinii Poolisii Oromiyaarra argame ni muul’dhisa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment