Godinaalee Oromiyaa 8 keessatti hongee mudateen namoonni kumni dhibbi 8 ol rakkoof saaxilamuu ibsame

Finfinnee, Amajjii 18, 2014 (FBC) – Godinaalee Kibba Baha Oromiyaa 8 keessatti hongee mudateen namoonni kumni dhibbi 8 ol rakkoof saaxilamuu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa fi Kaafamtoota Misoomaa Oromiyaa beeksiise.
Sababa hanqina Roobaan hongee mudateen namoonni kumni dhibbi 8 fi 244 deeggarsa eeggachuuf dirqamuu Komishinichi ibseera.
Hongeen kun baatiwwan sadiif kan turu ta’uu Komishanarri Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa fi Kaafamtoota Misoomaa Oromiyaa obbo Musxafaa Kadir eeraniiru.
Loon miiliyoonni 6 ol dhiyeessii nyaataa kan barbaadan ta’uu ibsaniiru.
Mootummaan horiin godinaalee kanneen keessatti argaman sababa hongeen akka hin miidhamne hojjechaa jiraatus rakkoo jiru humna mootummaa qofaan furuun kan hin danda’amne ta’uu himaniiru.
Hanga ammaatti mootummaan lubbuu namaa baraaruuf Midhaan Nyaataa kuntaalaa kuma dhibba 1 fi kuma 97 fi 896 lammiilee godina Boorana sababa hongeen miidhamaniif dhiyeessuu kaasaniiru.
Margi nyaata looniif oolu Beeliin kumni dhibbi 5 fi kumni 7 fi 151, akkasumas bishaan dhugaatii Boottewwan 96 abbootii qabeenyaa waliin ta’uun dhiyaachuu Komishinar Musxafaan dubbataniiru.
Rakkoo kana furuuf Godinaaleen Oromiyaa 21 fi magaaloonni 18 deeggarsa barbaachisu akka taasiisan mootummaan kallattii kaa’uu himaniiru.
Maddi:-DhPI
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa Qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment