Godinaalee Oromiyaa 15 keessatti Oomishni ga’e sassaabamaa jira – BQO

Finfinnee, Sadaasa 11, 2016 (FBC) – Godinaalee Oromiyaa 15 keessatti oomishni qonna Gannaa ga’e sassaabamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.

Akka naannichaatti Oomisha lafa hektaara miiliyoona 3 fi kuma 927 irratti misoomee sassaabbiif gahe keessaa lafa hektaara miiliyoona 3 fi kuma 396 fi 901 irraa humna namaa fi kombaayineraan walitti qabamuu Daayrekterri Daayrektoreetii Misooma Midhaanii Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Musxafaa Huseen himaniiru.

Hanga ammaatti Oomishni kuntaalli miiliyoonni 39 fi kumni 756 fi 302 calleeffamee galuu ragaan BQO irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment