Godinaalee garaagaraatti pirojektoonni misoomaa eeebbifamuun tajaajilaaf banaman

Finfinnee, Adoolessa 2, 2016 (FBC)- Godinaalee Oromiyaa garaagaraatti pirojektoonni misoomaa eebbifamuun tajaajilaaf banamaa jiru.
Bu’uuruma kanaan Godina Buunnoo Beddelleetti pirojektiiwwan ijaaramanii xumuraman 500 ol eebbifamaniiru.
Pirojektoonni kunneenis bishaan dhugaatii Magaalaa Beddellee baasii Birrii miiliyoona 700 oliin hojjetamee, gamoon mana barnootaa Gachii lakkoofsa sadii abbaa darbii 2 baasii Birrii miiliyoona 23 oliin ijaaraman bakka Sadarkaa Pireezidaantii Ittaanaatti Qindeessaan Kilaastera Magaalota Oromiyaa Obbo Masfiin Malaakuu argamanitti eebbifameera.
Sirna eebbichaarratti Obbo Masfin Malaakuun akka jedhanitti mootummaan naannichaa gaaffii fi fedhii misooma bu’uuraa haawaasaa guutuuf xiyyeeffannoon hojjetaa jira.
Hawaasni hirmaannaa misoomaa fi nageenya keessatti taasisaa jiru cimsee ittifufuu akka qabu dhaamuu ragaan kominikeshinii godinicharraa argame ni mul’isa.
Gama biraatiin, Godina Jimmaa Aanaa Sigimoo pirojektoonni misoomaa Birrii miiliyoona 317’n ijaaraman eebbifamaniiru.
Sirna eebbichaarrtti kan argaman Daayrektarri Bulchiinsa Dhaabbilee Bishaanii fi Faasiliitii Biiroo Bishaanii fi Inarjii Oromiyaatti Obbo Jabal Abbaa Fiixaa, Oromiyaatti pirojektoonni bishaan dhugaatii kuma 9 fi 600 ol Birrii biiliyoona 8’n ijaaraman tajaajilaaf gahuu himan.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment