Godina Wallaggaa Lixaa aanaa Ganjiitti proojektoonni adda addaa eebbifamaan

Finfinnee, Caamsaa 29, 2013 (FBC)- Godina Wallaggaa Lixaa aanaa Ganjiitti proojektoonni adda addaa eebbifamaniiru.

Sirna eebbichaarratti Jilli sadarkaa itti aanaa Preezdaantiitti qindeessaa Kilaaster misooma baadiyaa Oromiyaa Dooktar Girmaa Amanteen durfamuu fi hoggantoonnii fi jiraattoonni aanichaa argamaniiru.

Jilichi giddugala gabaa qonnan bultoota aanaa Ganjii , gamoo walta’insa mallaaqaa fi diinaagdee fi hospitaala Ganjii ebbisiseera.

Aanichatti hospitaalli aanaa Ganjii baasii Birrii miiliyoona 36n ijaaramaa ture ebbiffameera.

Gamoon abbaa darbii lamaa waajjira walta’insa mallaaqa fi diinaagde aanichaa baasii Birrii miiliyoona 5.7 ijaarama ture ebbiffamera.

Ijaarsi giddugala qonnaan bultoota bara 2008 kan eegalee yoo ta’uu, sababoota garagaraatin ijaarsisaa harkifachuun baatiiwwan 6 keessaatti xiyyeeffannoon hojjetamee xumuramuu himameera.

Giddugallii gabaa kunis namoota 600 fayyadamoo ni taasisaa jedhameera.

Aanichatti proojektiiwwan 27 hojjetama kan jiran yoo ta’uu, bara kana proojektiiwwan gosa gargaraa 13 xumuramuun tajaajila hawaasaf banaa ta’aniiru jedhameera.

Gammachuu Beekumatu gabaase

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment