Godina Wallagga Lixaatti Sassaabbiin Oomisha qamadii jallisii marsaa 1ffaa eegale

Finfinnee, Bitootessa 8, 2014 (FBC) – Godina Wallagga Lixaatti Inisheetiivii Qamadii jallisii marsaa 1ffaan lafa hektaara kuma 3 ol irratti misoome sassaabuun eegalamuu Waajjirri Qonnaa godinichaa beeksise.
Bara kana Godinichatti Inisheetiivii Qamadii Jallisii Marsaa 1ffaan lafa hektaara kuma 5 ol misoomsuuf karoorfame keessaa lafa hektarri kumni 3 fi 136 misoomuun yeroo ammaa sassaabbiin eegalamuu Itti gaafatamaa Waajjira Qonnaa Godina Wallagga Lixaa obbo Taarikuu Hordofaa himaniiru.
Hojii Inisheetiivii Qamadii jallisii Marsaa 1ffaa kana irraa Callaa kuntaalli kumni dhibbi 1 fi kumni 26 ol kan eegamu ta’uu himaniiru.
Hojii kana irratti qonnaan bultoonni kumni 4 fi 121 hirmaachuu eeranii, hanga ammaattis lafa hektaara 803 irraa qamadiin sassaabbamuu ibsuu isaanii ragaan BDhKMNO irraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment