Godina Wallagga Lixaatti projektoonni addaa addaa Birrii Biliyoona 1 oliin hojjetamaa jiru

Fifinnee, Gurraandhala 11, 2014 (FBC)- Godina Wallagga Lixaatti projektoota Sadarkaa Godinaan hooggamu dabalatee Aanaalee fi Magaalota Godinichaa hunda keessatti bara kana projektoota addaa addaa 497 Birrii biiliyoona 1 oliin hojjetamaa Jiraachuu Waajjirri Maallaqaa Godina Wallagga Lixaa beeksiseera.

Itti Gaafatamaa Waajjira Maallaqaa Godina Wallagga Lixaa Obbo Tagany Qannoo akka jedhanitti Godinichatti Hojii Nageenya mirkaneessuun cinatti rakkoo bu’uuraalee misoomaa hawaasa godinichaa furuuf xiyyeffannoon hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Bara kana projektoota garaagaraa buleeyyii 192 fi Haaraa 305 waliigala projektoota 497 hojjetamaa jiraachuu himu ragaan Biiroo Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaarra argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

Comments (0)
Add Comment